Akkaadaamii Afaan Oromoo

Barbaachisummaan  beekumsaafi dandeettii Afaanii  qabaachuufi dhabuun lammiilee Itiyoophiyaa inni guddaan kan hubatamuu danda’amee akka biyyaaleessa Itiyoophiyaatti cabiinsi barnootaa  ifoomuu isaatiin saaxilamee jira. Misoomni tekinooloojii erga haalaan babal’atee as immoo fadhiifi hawwiin ilmaan namootaa Barnoota Afaaniifi tekinoolojiitiif qaban akkan dabalee jira.


Keessatti immoo uummanni oromoo erga gara wiirtuu giddu gala siyaasa biyyaaleessa itiyoophiyaatti dhufeetii fedhiifi dheebuun Afaan Oromoo misoosuuf qaban agarsiiftuu guddicha sirna gada oromootiin  kabaja ayyanaa Irreechaa barabaraan taasifamaa jiruun guutummaan sabaafi sablammoota biyya keenyaa, Afirikaanootafi ardiilee biroo hedduu keessatti daran  guddaa ta’uun isaa hubatamee jira.

Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne guutummaaan dhaabbilee barnoota magaalaa finfinnee, magaaloota oromiyaa hundaafi mootummoota naannolee  ja’a ol ta’an keessatti Misoomni Afaan Oromoo itti fufee jira. Kana malees, ardiilee fi fuutuu addunyaa irratti Afaan Oromootiin tamsaasi oduulee garaa garaa taasifamuun isaaniis isaan ijoodha.

Itti fufi...
Kaayyoo Keenya

Kaayyooleen dhaabbata kanaa inni duraa Afaan Oromoo Sirna hiikamiinsaa  jalaa luba baasee,salphaa,ifaa,hawwataa,qabatamaa suur sagaleefi sirna barreeffamaa dorgomaa gita hin qabne godhee guutuun addunyaa akka baratuufi filannoo isaanii akka taasifatan gochuudhaan misoomsuudha.

Tajaajila maxxansa kitaabileefi meeshaalee Deggersa barnootaa (Teaching Aid materials) karaa dijiitalawwaa ta’een dhiheessuun akka buufatanii barachaa barsiisaniif hojjechuudha.

Tajaajila kennamu kana irraa galii argachuun afaanicha afaan daldalaafi barnoota ta’uu isaa dhugoomsuudha.

Tajaajila sirna barnootaafi leenjii garaa garaa kalaqaan qopheessinee Afaan Oromootiin kennuudha.

FURTUUWWAN MILKAA’INAA

Dhaabbatni keenya furtuuwwan milkoomina isaa akka armaan gadiitti qindeeffatee jira.

➠ Karoora ifaa,qabatamaafi ofiin barsiisuu dhanda’u dhiheessii taasisuu.
➠ Tajaajila maammilli itti quufuu kennuudha.
➠ Gatii tajaajilaafi oomishaa salphaa taasisuun humna namootaaf dhiheessuu.
➠ Tajaajila bilisaa tajaajila faana dabalataan kennuu.
➠ Qaamoolee Misooma Afaan Oromoo guddisuuf murteessoo ta’an keessaafi alaa waliin quunnamtii gaarii qabaachuudha.
➠ Kalaqaan sona dabalanii raga dhuqaan deggeranii tajaajila dhiheessii taasisuu.
➠ Gareen hojjechuu.
➠ Beeksisuu,kakaasuufi deggersa dabalataa maammilootaaf kennuun akka daran afaanichaafi tajaajilchatti amanan taasisuu.
➠ Karoora ifaa,qabatamaafi ofiin barsiisuu dhanda’u dhiheessii taasisuu.
photo_2025-11-26_20-40-02

BARRUU OOMISHAALEEFI TAAJILA DHIHEESSII TAASIFAMU.


Maxxansaalee garaa garaa sirna barnoota Afaan Oromoon walqabatan umuriifi sadarkaa adda baasuun kalaqaan sona daballee gama qorannoofi qo’annoon immoo qaawwaa jiran guutuun Afaanicha dorgomaa taasisuun sadarkaa kitaabileetiin,leenjiwwaniin,gabateewwaniin(meeshaalee Deggersa Barnootaa /teaching aid materials)kanneen akka baaneeriin,istiikeriifi poosteriiwwaniitiin gatii madaalamaan salphatti buufatanii akka barachaa barsiisan taasisuuf website keenya hordofuun tajaajila itti fufiinsa qabu,qulqullina olaanaa ta’e qabuufi yerootti isaan argachuu qaban akka argatan taasisuudha.

gallery6-1
Qorannoo Gabaa

DHaabbatni keenya haala gabaa isaa wayita xiinxaluu uummanni oromoo qofaan akka Afaan oromoo Ofta’ee hirkatummaafi hiikamiinsa malee akkataa uumama isaatiin akka misoomuuf yoo irratti hojjetaniif uummata miliyoona 40 olitti ni tilmaamama. Dabalataan uummanni Gaanfa Afirikaa irra jiran hedduun isaanii Afaan kana ni dubbatu. Erga artifiishiyaal intelejeensiin dhufeetii as immoo jijjiiramni guddaan argameera. Kanamalees ardiilee kanneen akka awuurooppaafi Ameerikaa,darbees biyyoota eeshiyaa tokko tokko keessatti DHaabbilee barnootaa isaanii keessatti Afaan oromoon barsiisaa akka jiran beekamaadha. Bu’uuruma kanaan lammiileen oromoo ardiilee kanneen keessa jiraatan networkii hojii kanaa ta’anii yoo argaman hojiin kun uummata biliyoona lamaan ol qaqqabuu ni danda’a jennee amanna.

Kana taasisuufis waan akka addunyaatti barbaachisummaan isaa ol aanaa ta’e uumuun afaan kanaan qofa akka tajaajila kennuuf Oromiyaafi Oromoon waa hojjechuun nu babaachisa.Karaa kanaan mul’ati karoora kanaa ni dhugooma.

Fedhii Gabaa Afaanichaafi Hanqina DHiheessii Jiru.

Sadarkaa magaalaa Finfinnee,magaaloota Oromiyaafi magaaloota mootummoota Naannolee Afaan Oromoo keessatti baratamaa jiraniifi tajaajilli itiin kennamaa jiran keessatti keessumaa, dhaabbilee barnootaa tajaajila Afaan kanaan kennaa jiran keessatti hedduu barbaachisumma olaanaa argatee ittis fayyadamuu eegalanii jiru. Fakkeenyaaf Finfinneefi SHaggariin kaasuun ni danda’ama.

kallattii Gara Fuul-Duraa

DHaabbatni daldalaa Akkaadaamii Afaan Oromoo tajaajila Dijiitaala akkaakuu addaadda gama website misoomsuutiin hojjetaman miidiyaalee hasaawuummaa kan akka Feesbuukii, telegiraamii fi Yuutubii gargaaramuun afaan oromootiin kanneen armaan gadii ni kenna.


Tajaajila barnoota fi leenjii ofta’iinsaa qopheessee ni dhiheessa.


Tajaajila maxxansaa kitaabileefi baaneerii,istiikeriifi poosterii addaddaa bifa hawwatummaa fi qulqullina ol aanaa qabaniin kutaa barnootaafi umuriin addaan baasee qopheessee ni dhiheessaa.


waalta'iinsa Afaan Oromoo irratti golaafi golee oromiyaa hunda irraa ragaa walitti qabuun suur sagaleefi barreeffaman dhiheessee qaamolee dhimma misooma Afaanichaa irratti hojjetan waliin qindoominaan ni hojjetee karaa salphaa fi ifaa ta’een guutuu addunyaa ni beeksisa.


Leenjii ogummoota jireenyaa ogeeyyii ga’umsaafi muuxannoo yeroo dheeraa qabaniin qopheessee addunyaa kalaqaatiin biyya beekamtuu taasisuuf ni hojjeta.


Kalaqaan Sona dabalee addunyaadhaaf Afaan waliif galtee hundaa caalaa filatamaa taasisuuf ni karaa hundaan ni hojjenna.

Media hawaasummaa keenyaan barachuu barbaadduu?

Nu qunnamuun bifa salphaa taeen barumsa gahaa tae argachuu dandeessu.

Join Godhi

barachuu barbaadduu ?

Waan xiqqaa, jaalala guddaan hojjedhaa.



Galma'aa!
BANNN

Waa'ee keenya

Jalqabbiin guddina,dagaaginaafi misooma Afaan Oromoo eegalee ture,cimee itti fufuudhaan xumura bara 2022(2030)tti guutummaan guutuutti Sirna hiikamiinsaa jalaa luba ba’ee bifa hawwatummaan isaa ,qulqullinni isaa,haala baay’ee salphaa, ifaa fi qabatamaa Amansiisaa ta’een dorgomaa mo’ataata’ee dhiyaachuu isaan Afaanoota sadarakaa addunyaatti afaan hojii Giloobaaliyizeshinii ta’aanii filatamaan keessaa isa tokko ta’uu isaa arguudha.

Afaan Oromoo sirna hiikamiinsaa jalaa luba ba’ee ofta’uun Gama saayinsiifi teekinooloojiitiin deggerameen dijiitaala ta’ee dhihaachuu isaatiifi gama amaleeffatameen illee gabaa daldala keessa galuudhaan galii dinagadee namoota dhuunfaafi biyyaaleessaa gabbisuu danda’een hojii dhabdoota hedduuf carraa hojii uumee jaallatamummaan isaa karaa amansiisa guutuu qabuun dabalee tajaajila dhiyeessii gama hundaan taasisuu

Lammiileen kamiyyuu afaanicha misoomsuuf salphaatti hubatamuu,baratamuu,barsiifamuu akka danda’uu beekanii ittis amanuudhaan of kennuun hojiiwwan isaanii,taphoota isaanii, kalaqoota isaaniis ittiin beeksifachuuf akka of qopheessaniif kalaqaan sona daballee sagantaalee hojii damdaneessa ta’ee uumuun yeroo gabaabaa keessattii tajaajila barnootaa karaalee Social media adda addaa hirmaattootaafi hordoftoota qabaatee  akka dagaaguufi misoomuuf E-Commerce tiin,you tube’n akkasumas tajaajila dhiheessii meeshaalee deggersa barnootaa sadarkaa bu’uura boruu  irraa eegalee guutuu biyyaafi addunyaatiif dhiheessuudhaan guutummaan addunyaa afaanicha akka baratan taasisuudha.

Yaadota kennaman

Lammiileen kamiyyuu afaanicha misoomsuuf salphaatti hubatamuu,baratamuu,barsiifamuu akka danda’uu beekanii ittis amanuudhaan of kennuun hojiiwwan isaanii,taphoota isaanii, kalaqoota isaaniis ittiin beeksifachuuf akka of qopheessaniif kalaqaan sona daballee sagantaalee hojii damdaneessa ta’ee uumuun yeroo gabaabaa keessattii tajaajila barnootaa karaalee Social media dagaagsuu

Gaaffii qabduu
+251920408204 kitilakitila05@gmail.com

Teessoo
Furii, Finfinnee, Ethiopia
bilbila
+251920408204
I-mayilii
kitilakitila05@gmail.com
Garee gargaarsaa

+251920408204
kitilakitila05@gmail.com

Karaalee social media kanaa gadiin nu hordofuun gaaffilee yookiin yaada qabdan nuuf qooduu dandeessu

Mirgi abbummaa Marsariitii kan eegameedha